Sof Omar Tech Academy
Фотография
Tarkaanfii Shanan (5) Aappii Keessan Play Store Irratti Publish Gochuuf!
1. Aappii Keessan Qopheessuu fi .aab (Bundle) Gochuu:
Appii keessan guutummaatti erga hojjettanii booda, format ".apk" osoo hin taane, Google Play'n kan fudhatu ".aab" (Android App Bundle) dhaan "sign" gochuun qopheessu qabdu.
2. Account Developer Play Console Banachuu ($25):
Google Play Console irratti account developer banadhaa. Kaffaltiin isaa yeroo tokko qofa kan kaffalamu $25 dha. Ragaalee keessan fi kaardii kaffaltii galchuun account keessan mirkaneessaa.
3. Appii Upload Gochuu fi Policy Declaration Guutuu:
Play Console keessatti appii keessan galchaa. Kana booda policy adda addaa (Privacy Policy, Data Safety, Target Audience, fi kkf) guutummaatti guutaa. Policy kana sirriitti deebisuun baay'ee murteessaadha.
4. Closed Testing (Namoota 12 guyyoota 14f):
Kun dhimma dhiyoo kana dhufe fi baay'ee barbaachisoodha! Appiin keessan namoota dhuunfaa 12'n guyyoota 14 walitti fufaniif yaalamuu (test godhamu ) qaba. Namoonni kunneen appii keessan fe'anii guyyoota 14f banuu qabu.
5. Appii Publish Gochuu (Gara Production Gadi Dhiisuu):
Erga guyyoonni 14 xumuraman booda, gabaasa yaalii (testing feedback) guutuun "Production Access" gaafattu. Google erga mirkaneessee booda, appiin keessan guutuu addunyaatiif Play Store irratti ni dhiyaata!
Teknooloojii fi sooftiweerii ammayyaa irratti dabalata argachuuf Sof Omar Tech Academy hordofaa!
📱 sofomar.online
📱 @sofomar
❤1
1 · 64 ·